SyncVib

Narsiin Jarman tokkoo dhukkubsattoota 85 ajjeesse

6 Waxabajjii 2019

Narsiin duraani Niils Hoogel dhukkubsattootta 85 hospitaala Kaabaa Jarmanii lamatti ajjeesuun hidhaa umrii guutuun adabame.

Waggoota lamaaf hidhaa kan ture Hoogel namoota bara 1999 -2005 dhibee onnee yaalamuuf to'annoosaa harka turan qoricha summeessee jedhame hidhame.

Seenaa Jarmaan keessatti dhiyootti ajjeechaa suukanneesaa nama raawwate jedhameetu himame.

Hoogel dhukkubsattoota of wallaalan dammaksuuf wantoota hojjetuun waahillan isaa dinqisiisuuf kana raawwataa jedha Abbaan Alangaa.

Namoonni waliin hojjataa ture Gaazixaa Jarmani tokkotti akka himetti, maqaa masoo"resuscitation Rambo" jedhamuun akka beekama. Maqaa kanas kan argate namoota of wallaalan itti qaburraa ka'uun ture jedha.

Ga'eessi gannaa 42 Hogeel, gaafa dhaddachatti dhiyaatu gaafatamee maatii namoota miidhee gocha isaatiif dhiifama gaafate.

''Waanin waggotaaf dalage hundaaf dhiifama gaafachuun barbaada ''jedhe.

Hoogel dhukkubsattoota 100 magaalota Delmenhorst fi Oldenbarg keessatti ajjeessuuni kan himatamee.

Reeffi namoota kana ragaa qo'annoof hin mijatu badeera jedhe amana poolisiin.

Hoogel dhukkubsattoota 55 ajjeessuu amaneera, manni murtii Oldenbarg garuu, namoota 85 ajjeessuun himachuu midiyaaleen biyyatti gabaasan.

Abbaan murtii Buheermaan dallansuu firoota namoota miidhamanii mannii murtii kun qabbaneessuu akka hin dandeenyee gaabbii qabachuu himan.

Jeenii Hiil Barliin irraa akka jedhutti hojjattoonni gameeyyiin hoospitaalota lamaanii otoo arganii callisanii ajjeechaan suukanneessaan raawwatamuun Jarmanoota mufachisee jedhe.

Hoogel qoricha dhukkubsataaf ajajamuu hin qabne waliin bara 2005 Delmenhorst iddoo jedhamutti kan qabame.

Yaalii ajjechaa raawwachuun hidhaa waggaa 7 'n bara 2008 itti murtaa'ee ture. Maatiin namoota miidhamanii garuu akka qoratamuu gaafataa turan.

Dhaddacha lammaffaarraatti bara 2015 namoot 2 ajjeesuuf yaaluun hidhaa umrii guutuun adabamee.

Haata'u malee dhaddacharratti namoota 30 guutan ajjeesuu ofumaaf amane.

Qo'annichi bal'achuun reeffii dhukkubsattoota inni walaanu 130 erga qo'atamee booda dhimmichi xiyyeeffannoo argate.

ncG1vNJzZmivp6x7o67CZ5qopV%2BWs6KtzaipqKWfpHywsNSuZG1wZWl%2Fdn2S

Patria Henriques

Update: 2024-07-30